Xiinxala Galgala Kanaa .. ☕️🌙 Boqonnaan torbee ariitiidhaan dhuma; yeroonis fiigichaan dabra.
https://t.me/markazibnabbasBoqonnaan torbee ariitiidhaan dhuma; yeroonis fiigichaan dabra. Baay'een keenya waa'ee itti gaafatamummaa fi hojiiwwan torbii haaraa yaaduu jalqabna.. Boru kan maalummaa isaa hin beekneen dhiphanna; bor beelaana ykn dhukkubsanna jechuudhaan gaddina.
Sodaan borii gammachuu fi tasgabbii edanaa akka sirraa hatu hin heyyamiin. Yaadadhu, rizqiin (sooranni) hirameera, carraan murtaa'eera. Rabbiin inni guyyoota darban keessatti si gargaare boris si gargaaree rakkoo keessa si dabarsa.
• Ni'maawwan si marsanii jiran kanneen dagattee xiyyeeffannaa hin kenniniif irratti Rabbii kee galateeffadhu.
• Sammuu kee tasgabeessi: Torban kee bilchinaan karoorsi, kaayyoo kee Rabbii hin duunetti kenni.
• Abdiin guutami: Sababni isaas ganamni haaraan kamiyyuu carraa haaraa jalqabbii bareedaaf uumamudha.
Galgala kana galgala jaalalaa, tasgabbii fi kan nageenya keessoo Rabbiin nuuf haa godhu.