Sirbootaa fi Walaloo Afaan oromoo
@oromoo1000
@Poem_oromoo
@oro_Music
@Oro_Comedian
@World_music
@Ethiopian music
Old music and music melody, lyrics
https://t.me/boost/oromoo1000
Статистика обновлена 14.11.2026 в 23:44 · 1 просмотр страницы · Хотите больше просмотров?
Динамика за 30 дней
Истории пока нет. График появится после следующих обновлений статистики.
Рекламные публикации
Последние публикации
Все посты канала →Obbo abba mucatti qabuutu dadhabame!
Isa gaddi seene garaan silaa hinobsuu
Xuruurfata booyee akka waan imimaan mucattii deebisu
Qannoo abbaa ’Xada, eenyu qabee haateesisu?!
Manaa gadi utaalee, oobdii keessa ijaajjee
Galma Mikaa’elitti asi achi galagalee, aarii dhaan fajajee
Battala oljedhee, koomee lafaa kaasee asii ol hiixatee
Akka abbaa galfataa qubasaa mirmirsaa, gaafa afaan saaqqate,
Galma Mikaa’elitti imimaan facaasee, imimmaan haqachaa
“Siyi Mikaa’eli; tarii na dhageessaa? Mikaa’eli Waachaa!
Utuun si abdadhuu imaanaakoo gattee?
Marartuu xobbeekoo mucaakoo fudhattee?
Amanteen siif qabu maaf nashakkisiistaa?
Gulantaan si kaa’erra maaliif gadi of buuftaa ?
Yoosoo ’xaana miti, ati faandoo ulattaa!”
Jedhee itti himee, afuura baaftee, irraa galagale
Dhiphuu obbaafatee, akka waan oofkalee
“Safuu! Safuu!” jedhee, naasuun diilallaayee
Hammi gadda taa’e yeroo kana dhagaye
Balaa gadi bu’u, laf-jala sodaatee, qaamisaa suukayee.
Qeesii fi diyaqoniin;
“Woyi xaaxaa! Woyi xaaxaa!
Ere yeqesefallu! Min ainet gud mexxaa?
Bekekaadaan gubee, cebbiisaan nu fixaa
Maal wuoo abbaa Atsede, gedde kiesseen websaa
Igziyoo yeamlaak quxxaa!
Igzaabiheer new yesexxe; Igzaabiheer new yenessa
Ibaakiwoo yittaagesu, gedde kiesseen websaa"
Obboo abbaa xadaas;
"Adaraa Waaqayyoo maaloo Abbaate dhiisaa
An isan amanee maaliif na gowwoomsa?
Sila maaliif saxxee, amma maaliif nassaa?"
Jennaan Abbaateenis aariin of finiinsaa;
"Indee Igezitwootaallehu bewunet yixenqequ!
Ere indhi aaibbaalim, neur new aaibbaalim kettoo yemmayigebba
Bemelaake seiyfuu biqerdidootis inde qollaa dubbaa
Yiliq nemni mesaryaa fudetee gere awaalaa hadequ
Kaan degaa haa guuru, kaan diqdiqa haa muru, kaan buwollee haa qofforu
maannewuu? Haa soqu!"
Kunoo akkasittiin mucaan geggefamtee
Obbo abbaa Xadaas garaasaa kutate
Garuu warri gaafa sana Mikaa’eli arrabsuusaa gurrasaan dhagaye
Kabaji Mikaa’eli akkas xinnachusaa nayee diilallaayee
Danuu quqquqamee, Qannoo balaalfate, Qannoo cubuu faale, ofii qulqullaayee
Gidira muddame, muddamee obsa dhabe
Jechi Obbo abbaa Xadaa Mikaa’eli caala isaaniin dhukkube
“Hammam yoo aarelle, Mikaa’eli arrabsaa?
Akka bishaan gaayyaa asi ol odeessaa?
Amanteesaatu siluma waan hannisa hin qabne, amantee irraa-keessaa
"Situ kennee fudhate, galatni kee hin badin" jedhee maaf hin obsu?
Akka isa maraatee waamee hamma salphisu?”
Jedhee dubbii hunkuree, warri saatto mootii, warri baaltii baaltu
Keessa Obbo abbaa Xadaa akka waan dubbisuu, akka waan hubatuu
Warri yaada hanquu, warri amanteen hossee
Ofii qulqullaawuf, cubbuu abbaa Xadaa lallabee odeesse
Oduu kafandise! Munaaga munaage! Xebena xebene!
Yoo Obbo abbaa Xadaa dallansuu gaafasii homaayyuu hin gaabine
Waan mucaasaa dhabeef Mikaa’elis hinganne
Amantee geeddares kaan hinbarbaaddanne
Yookaan Aabboo Diggaa
Maaramii Saasiggaa
Goorgisi isa Caancoo
Maarqosii isa Koomboo
Sillaasee isa Koomtoo
Garbeelii isa Jaatoo
Jedhee labuu hinkaane;
Akkuma duriisaa Sanbata, Sanbata
Daawwitii butatee Mikaa’eli dhaabata
Hamma beekumsasaa
"abeetu, abeeta, Isgoo!” jedha, meeqa wareegame
Gaafa du'asaatis, akkuma dhaammatetti, achumatti awwaalame!.
#Waloo_Guddicha
#Zalaalem_Abarraatin
#Aaddeef🔥
Durba lama horee, hangafaa fi quxisuu
Mikaa’eliif wareege akka isaan guddisu
Argaasaani hinquufuu, yeroo hunda do’ata
Hamaa akka irraa eeguuf Mikaa’eli kadhata;
“Adaraakee...” jedha. “ijoolleekoo tiksi
Koo qaroon isaanii, gaaddidduu arjummaakee irra gaaddideessi
Nagaakee naagonfiin, balaa irraa ittisi
Beekumsaa fi aangookee itti naahuwisi
Gooftaa burqaa aangoo, gooftaa abbaa gaachanaa
Arfaasaa fi birraa, yeroo bonaa fi gannaa
Hoo qubaakeen jedha ani siinan amanaa!” Jedheetu wawwaata, nageenya qeyesaaf Mikaa’eli abdata
Tasa oolee hinbeekuu Sanbata, Sanbata
Galma Mikaa’eliti, akka warra kaani innis daawwitii baata
Garuu dubbisuusaa hinbeeku tabjaaja’aa, doofaa
Icciitisaa kana dhoksuuf ka’ee kufaa
Hinbeekamu se’a, garuu ollaatu huursee kolfa
“Obbo abbaa Xadaa Qannoo ilmi Dhugaasa
Gadi galagashee daawwitii dubbisa!" Jedhani itti kolfu, teellaasaan hamachaa
Siraabeetii fi tikeen, daaqonii fi qeesiin warri gubbaa Waachaa
Guyyaan torbee ta’ee, torbeen baatii ta’ee, walitti eda’amee
Baatiin dabareesaa waggaatti jijjiiramee,
Jireenyi tarkaanfatee, fuulduratti aggaamee,
Ganni roobee caamee, aduun bayee dhiyee
Arfasaanis darbee, birraanis bariyee,
Jiruun uumaa kanaa silaa hindhaabatu
Bara fuulduratti dhangalaasa kaatu
Qabanii hindhaabanii bari abbaasaa hanyaatuu!
Ammeessi kaan dhalee, ameessi kaan gu’ee
Garanaa kaan fuudhee, garasii wal horee, kaan jiraatee du’ee
Inni kaan walhiikee, kaanis sirbee fuudhee, tokko naqata guutee
Carraan ilma namaa tokko gammachuudhaan, kaan gadadoon simtee
Gojomiin egeree, abdii hundaa rarraastee
Akkas-akkasittiin jireenyi nama Waachaa boriif si'essite
Hintalli abbaa ’Xadaa, isheen quxisuun sun jalaa dhukkubsatte💔
Hinfayyiti jennaan, homaa fayyi dhibee, nama du’aa taate
Maatiin abbaa Xada hundinuu wawwaate
Garana fi garasiin Waachaa hundi dirmate
Kaan qoricha himee, kaan mala dubbate;
“Mucaa akka bunuutii, kaleessa ni burraaqxii,
Mataa bowwuu hinqabduu, bakkee kana utaaltii
Kunoo arraba koo irraa rifeensi haabuqqawu kun ija namaati
Nyaara waraabessaa utuu itti ullee silaa nidudubbattii”
“Lakki dhiis namana! Toshatu kana godhe, kuni harka namaa ti”
“Waawuu tosha miti akka libaa-libbee rukuttaa wayiiti
Utuu waancaan butne, yookaan itti koobnee, mucaan nifayyitii
Maal Jorgisi Caancoo, gooftaa gumaa bawu
Kan jawwee ajeeste, kan gaanfi sagali, kan abidda tufaa huurrii keessa lowu
Kana yoo dadhabdee dubbii rogaa hinta’uu!
Mucaa kana fayyisi" jedhanii kadahatan Birgaataa dhaa galu!
Harmee haati Xilawu!
Aadde haati mucattis;
“Baala qomonyootiin gatiitii shee kana utuu ho’isnee tarii
Eenyu? Maqaan-kee!
Bijige! Dinsirii! Qiriirii!
Baala bakkaniisaa, babaldhaasaa fidii, dafii waliin dirii
Ramacii ho’aasaa mee dafii itti hammaarii;
Illee shee garanaa fi illee shee garasii
Ittiin naa karkarsi! Ittiin naa ho’isi!
Yookaan xabbaa-qiddii, waa akka haadha gijaaree dafaa fiigaa, maaloo
Kaan Koombootti kaadhaa, kaan gara Saasiggaa, kaan gara Abaaloo
Soonkooraa fi Loomica, garas Laga Gumbii, gama Laga Suuloo
Kaan Soorgaatti fiigaa, kaan goodaa Cirrii, achumaanis Boollo
Gara Koroommii kanaa, achiis gara Koomtoo, Tuqaa gubbaa Walanee
Duuba Jaato kanaa fi gama Migira Adurree, beekaan jira hin jennee?
Laga Gurreen bayii, Qesee keessa darbii duuba Caancoo fi Qassoo
Beekaa naa barbaadi, qoricha iyyaafadhu maa teessaa Kamiso?
Boo! Addana teessanii jechuusaa dhiisaa ti, xannachaa, dhayichaa!
Kunoo, garas gara Bendii, gara Diggaa Fodooddo, gara Leeqaa Dullachaa
Mee harka-harkaan dafaa, kaadhaa akka billaachaa
Dargeetti achi ceyaa, Kurfeetti achi darbaa, dhiiroo sakatta’a, mucaadhaaf qoricha!
Isgoo! Abeet! Abeet! Mucaa kana fayyisi Mikaa’eli Waachaa”
Jedhani wawwaatani aade haati mucatti
Inni rakkoon mudde hincallisaa miti!
Hunduu mala hime, dabaree wal saamee, haasa wal harkaa butee
Hamma beekumsasaa waan qoricha jedhu, afaan dudubbate
Adaraa maal godha
Didee itti cimee, ittuma hammaate
Nama gaddisiisa; guyyaa xinnoo booda mucaaan badduu baate
Kuulleen abbaa Xadaa durbummaadhaan duute😢